(Oromocentre, Melbourne, 09 Amajjii 2012) Ayyaana Amajjii, kana bara haarawaa fi Guyyaa WBO, Sanbata waaree booda jechuun Amajjii 7/2012 magaalaa Melbourne keessatti kabajame irratti gootota Oromoo qabsoo bilisummaa irratti wareegamaniif yaadannoon godhamee jira.
Sirna kana irratti akka ibsametti Amajjiin akka ayyaana bara haarawaatti kabajamuu caala iyyuu, yeroo qabsoon Oromoo baroota 1980 keessa haala yaaddessaa keessa seenetti, kutattoonni goototi WBO jabinaan human waraana Bilisummaa Oromoo waan badii jalaa baraarsaniif guyyaan kun akka Guyyaa WBOtti kabajamuu eegaluun isaa ibsamee jira.
WBO yeroo addaddaatti haleellaa itti aggaamame ofirraa deebisaa kan yoona gahe ta’uunis dabalamee ibsamee, keessattuu yeroo ammaa kana WBOn haleellaa humnoota weerartuu ofirraa deebisaa, qabsoo bilisummaa Oromoo galiin gahuu irrattis hojjachaa akka jiru ibsamee jira.
Documeentariin sochiin WBO agarsiisus sirna kana irratti kan dhiyaate yoo ta’u, hirmaattotis WBO jabeessuuf gumaata maallaqaa gara doolara Au kuma shanitti dhiyaatu battalumatti arjoomanii jiru.
Namooti ayyaana kna irratti argaman yaada kennaniin, sochii WBOn gochaa jirutti hedduu gammaduu isaanii ibsanii, keessattuu WBOn haala ulfaataa keessatti of ijaaree qabatamaan sochii gochaa jiru arguu isaaniitti hedduu akka gammadanii fi qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa eenyuyyuu duubatti deebisuu hin dandeenye irra gahuu isaa akka hubatan ibsanii jiran.
Ayyaanni Amajjii fi guyyaan WBO kun sadarkaa Oromiyaa fi addunyaatti sabboontota Oromoon kan kabajamaa jiru ta’uun beekamaa dha.
