(Oromocentre, Melbourne, 16 Amajjii 15, 2012) Waldaan hawaasa Oromoo Melbourne Kibba Bahaa sagantaa walargaa maatii fi ijoollee bashannansiisuuf Sambata, Amajjii 14, 2012 qopheesse haala gaariin xumurame.

Qophii Bashannanaa fi booharsaa bakka “Cardinia Reservoir Park” jedhamu keessatti qophaa’e irratti Ob Tasfaayee Wayyeessaa, dura taa’aan Waldaa Hawaasa Oromoo Melbourne kibba Bahaa dubbii dubbatan keessatti hawaasti walitti dhufee waan maatii fi ijoollee isaatiif tolu akka tolfatuuf kan qophaa’e ta’uu ibsanii, haala kana daran jabeessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

“Keessattuu, biyya fagoo keessatti hawaasti wal hin qabanne, dhaloota eenyummaa isaa beekaa guddatu magarfatu keessatti ni rakkata,” kan jedhan Ob Tasfaayeen, “biyya fagoo keessatti dhaloota aada fi seenaa beekaa guddatu horachuuf, akkasumas yeroo dhibdeetti walgargaaruuf waldaa hawaasaa jabeeffachuun waan guddaa dha,’’ jedhanii jiru.
“Sagantaan walargaa hawaasaa hundee guddina maatii ti,” kan jedhan barreessaan SERMOCAVA ob Bantii Oliiqaa, namuu waldaa hawaasaa isaa jabeeffachuu keessatti qooda isaa akka bahatu, dhimma hawaasaa hojjachuu keessattis koree callaa eeguu otuu hin ta’iin, hawaasti marti walqunnamuu, walgargaaruu, yaada walii kennuu fi waltumsuu akka qaban hubachiisanii jiru.
Miseensoti waldaa hawaasa Oromoo sagnataa walargaa kana irratti argamanis yaada kennaniin, qophiin walargaa kun qophaa’uun isaa hedduu gaarii ta’uu eeranii, gara fuulduraattis waan isaan irraa eegamu gumaachuuf qophaa’oo ta’uu irra deebi’anii mirkaneessanii jiru.

Obbo Dhaabsaa Waaqjiraa yeroo kee aarsaa itti gootee, yeroo itti silaa maatii keef tajaajila laattu irraa qisaastee, oguma kee gatii guddaa qabu sanan hojii boonsaa fi seena qabeessa ta’e muldhistee akkasumas waan Oromummaa keetti sirraa eegamu tokko oguma keetiin gumaachuu keetti galata guddaa qabda. Hawaasa keenya naannoo kana jiraatuuf ergaa guddaa kan dabarsee fi wal jajjabeessee waan isarraa eegamu namuu akka bahatuuf ergaa guddaa dabarsiteetta waan ta’eef SERMOCAVAn galata guddaa siif qaba. Bilisummaa saba keef si haa ga’u jechuurraa kan hafe maal jennarre.
Bantii Oliiqaa
Barreessaa SERMOCAVA