(Oromocentre, Melbourne, 1 July 2012) Guyyaa har’aa, hawaasti oromoo, Ogaadeenii fi Itoophiyaa gamtaadhaan jila Wayyaanee, Junaddiin Saadoon durfamu salphisan; walgahiin isaan Hotel Hayata jedhamu keessatti qopheeffatanis diddaa ummataan akka haqamu godhamee jira.
Dhiittaan mirga dhala namaa kan isaan aarse, lammiiwwan Oromoo, Ogaadeenii fi Sidamaa fi Itoophiyaa kunneen, mirga biyya keenaya keessati dhabne nu sarbuuf kanneen deemaniif bakka hin qabnu jechuun tokkummaam dura dhaabbannaa isanaii agarsiisanii jiru.
Diddaa fi hiriira nagaa kanaan egamtooti fi jilli wayyaanee akka sareetti tumamanii kan aryataman yoo ta’u, ergamtittiin Wayyaanee Junaddiin Saaddoo qaanii kana uffachuu bira darbuunis, mana dhoksaa keessatti ittifamtee akka oolte beekamee jira. Bal’ina oduu kanaa giduu kana isiniif dhiyeessian; hagasitti waan TVn Channel 7 jedhamu dabarse ilaala.
http://au.news.yahoo.com/
video/national/watch/29849614/ethnic-rivals-clash/248154/
